VOA Afaan Oromoo


Гео и язык канала: Индия, Гуджарати
Категория: Новости и СМИ


Maddi Oduulee: VOA AFAAN OROMOO
Maxxansa Public VOA Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti, hubadhu.
Sababaadhuma isaan Telegramaan odeeffannoo Maxxansaa hin turreef, Bara 2019 irraa hundeesse.
🅿 Contact : @admiinii_bot

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Индия, Гуджарати
Категория
Новости и СМИ
Статистика
Фильтр публикаций




Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar Keessatti Ukkamfanii Haala Rakkisaa Keessa Turan 32 Wiixata Har’aa Gara Itiyoophiyaatti Deebifaman https://www.voaafaanoromoo.com/a/lammiileen-itiyoophiyaa-maayinaamar-keessatti-ukkamfanii-turan/8005643.html Lammilee Itiyoophiyaa hojiif jedhamuun biyyaa baafamuun Maayinaar keessatti dhaabbilee toora Inteerneetiin hojii goyyomsaa akka hojjetaniif ukkaamfamanii turanii fi kanneen haala rakkisaa keessa turan 133 Maayinaamarii baafamuun gara Taayilaand akka galan taasifame keessaa 32 Wiixata har’aa gara Itiyoophiyaatti deebifamuu isaanii Ministirri haajaa alaa Itiyoophiyaa ibseera. Warra har’a gara Itiyoophiyaatti dhufaniin alattis namoonni 42 dabalataa biroonis Roobii dhufu kana gara Itiyoophiyaatti deebifamuuf tikkeettiin xiyyaaraa qophaa’uufis ministirichi ibseera. 👉🏽 https://bit.ly/3EDEFJB


Bidiruun Godaantota Fe'anii Jabutii Irraa Gara Yamanitti Imalaa Turan Dhidhimuu Isaaniin Namoonni 2 Du'uu fi 186 Achi Buuteen Dhabame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/bidiruun-godaantota-fe-anii-jabutii-irraa-gara-yamanitti-imalaa-turan-dhidhimuu-isaaniin-namoonni-2-du-uu-fi-186-achi-buuteen-dhabame/8002896.html

Bidruuwwan namoottan 180 ol fr’anii gara buufata doonii kutaa biyya Yaman Dhubaab jedhamu imaalaa turan keessaa godaantonni turan dhiirota 124 fi dubartoota 57 keessaa hanga ammaattio kanneen argamuu dhanda’an namoottan lama irraa kan hafe kaan du’uun hin oolle jechuun dhaabbanni godaantotaa IOM ibsee hanga  ammaatti reenfii namoottan sanaa akka hin argamiinis beeksisuu isaa VOAn gabaaseera.


Dhaabata IOMtti Projectiin godaantotaa deebisee dhaabu akka bara 2014 kaasee sarara kalatii bahaa...


Waajirri Dilaalaa fi Galiiwwanii Finfinnee Namoota Idaan Gibiraa Irra Jira Jedhe  62  Biyyaa Akka Hin Baane Ugguruu Isaa Beeksise
https://www.voaafaanoromoo.com/a/waajirri-dilaalaa-fi-galiiwwanii-finfinnee-namoota-idaan-gibiraa-irra-jira-jedhe-62-biyyaa-akka-hin-baane-ugguruu-isaa-beeksise/8002885.html

Biiroon Galii bulchiinsa magaalaa Finfinnee kaffaltoota gibiraa kanneen baay’inni isaanii 62 ta’an idaa gibiraa birrii biiliyoona 3.2 tu irra jira jedhe ajaja dhorkii biyyaa akka hin baanee taasiisu irratti baasuu ibse.Daariketti Koomunikeenishii biirichaa Obbo Sewunnet Ayyelee Sagalee Ameerikaatti akka himanitti biirichi ajaja dhorkii imala biyya alaa irratti baasuun cinaattis tarkaanfii bulchiinsa fudhachaa jiraachuus himaniiru.


Ogeessi seeraa tokko dhimma kanarratti yaada kan nuuf...


Humna Ittisaa Awurooppaa Cimsuu Keessatti Turkiin Qooda Ol’aanaa Qabaachuu Malti, Jedhame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/humna-ittisaa-awurooppaa-cimsuu-keessatti-turkiin-qooda-ol-aanaa-qabaachuu-malti-jedhame/7983811.html
Humna Ittisaa Awurooppaa Cimsuu Keessatti Turkiin Qooda Ol’aanaa Qabaachuu Malti, Jedhame


Weerarri Dhibee  Koleeraa  Naannoo Gaambeellaa Keessatti Lubbuu Namoota Kudha Shanii Galafate
https://www.voaafaanoromoo.com/a/weerarri-dhibee-koleeraa-naannoo-gaambeellaa-keessatti-lubbuu-namoota-kudha-shanii-galafate/7983762.html

Weerara dhukkuuba koleeraa torbee darbee irraa eegalee naannoo Gaambeellaatti mudateen lubbuun namoota 15 darbuu biiroon fayyaa bulchiinsa naannoo sanaa beeksise.


Haa ta'u malee, bakka dhukkubnii kun jalqabata itti argamee itti gaafatamaan kutaa fayyaa godiina Nuer, Obbo Gatbel Girmal akka jedhanitti, hanga ammaatti lakkoofsi namoota goodinai kana keessatti du'an 18 ga'uu ibsaniiru.


 Itti Gaafatamaan Waajjira fayyaa bulchiinsa naannoo Gaambeellaa Dr. Abeel Asaffaa guyyaa har'aa sagalee...


Sudaan Kibbaa Sababa Ho'a Hamaan Barattoonni Kukkufuurraa Kan Ka’e Torban Lamaaf Guutummaa Biyyattiitti Manneen Barnootaa Cufte
https://www.voaafaanoromoo.com/a/sudaan-kibbaa-sababa-ho-a-hamaan-barattoonni-kukkufuurraa-kan-ka-e-torban-lamaaf-guutummaa-biyyattiitti-manneen-barnootaa-cufte/7983728.html

Sudaan Kibbaa keessatti sababa ho'a hamaa itti fufee jiruun kan ka’e barattoonni erga kukkufanii booda manneen barnootaa hunda torban lamaaf cuftee jirti.


Sudaan Kibbaa jijjiirama qilleensaa wajjiin wal qabatee baatii roobaa keessa  lolaa mudatee dabalatee baatii Guraandhalaa kaasee hanga Bitooteessaatti immmoo ho’a hamaa mudateen manneen barnootaa yeroo cuuftu kun yeroo lammataati.


 Itti aanaan ministeera barnootaa Maartiin Taako Mo'ii Kamisa darbe akka jedhanitti, ''guyyaa guyyaan...




Ibiddi Bosonaa Kaalifoorniyaa Los Angeles Keessaa Amma Illee Hin Dhaamin Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ibiddi-bosonaa-kaalifoorniyaa-los-angeles-keessaa-amma-illee-hin-dhaamin-jira/7937972.html

Akeekkachiisni Roobii har’aa akka agarsiisutti naannoo Los Anjeles keessatti ammas qilleensi cimaan haala qilleensaa goggogaa waliin walitti makamee ibidda bosona babal’isuu mala.  Namoonni abidda dhaamsan ibidda naannichatti walduraa duubaan ka’ee fi kanaan dura yoo xiqqaate namoota 25 galaafate waliin wal’aansoo qabaa jiran.


Kibxata qilleensi laaffataa ta’us, Tajaajilli Haala Qilleensaa Biyyaalessaa naannichi ammallee hanga Roobii  waaree boodaatti qilleensa cimaaf akka saaxilamu...


Sababaa Balaa Ibiddaa Los Aanjeles Mudateen Namoota Qehee Ofiirraa Buqqa’aniif Gargaarsawwan Hedduun Taasisanaa Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/7936600.html

Namoottan sababa  balaa ibiddaa Aanjeles mudaateen qabeenyaa isaanii dhabaniif, warreen soda balaa ibiddaa kanaan qe’ee isaanii dhisanii baqatan kumaatamaan lakkaawamanuuf yaaliin gargaarsaa hedduun taasifamaa jira. Dhimma kana irrati gabaasaa Jeniyaa Daalootiin bakka namoottan kun keessa qubatanii jiraan wiirtuu walgahii Pasadinaa irraa VOAdhaaf ergame Bafiqaaduu tu dhiheessa.


Kaalifoorniyaa Keessatti Hojjetoonni Balaa Ibiddaa Dhaamsan Ibidda Haaraa Ka’uu Maluuf Qophii Cimaatti Akka Jiran Ibsame  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/7936545.html

Namoonni ibidda dhaamsan Kaalifoorniyaa keessaa  humna namaa fi meeshaalee haaraa cimsaan deeggaraman Kibxata har’a ibidda bosonaa haaraa ykn hammaataa dhufuu danda’u Kaalifoorniyaa kibbatti mudachuu danda’uuf qophaa’anii jiru.


Kunis akeekkachiisa qilleensa cimaa fi haala gogiinsaa ykn caamnii jiru gidduutti.


Tajaajilli raaga Haala Qilleensaa Biyyaalessaa akka jedhetti, qilleensi Kibxata har’a sa’aatii tokkotti km 100 ol fiiguu ta’uu danda’a, kunis naannoo bal’aa Kaalifoorniyaa gama...


Itiyoopiyaan Uummata Volkaanoon Mudachuu Mala Sodaa Jedhuun Naannoo Kirikirri Lafaa Itti Dhaga’ame Keessaa Uummata 80,000 Baasuun Ibsame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/7924760.html

Mootummaan Itiyoopiyaa kirkira lafaa Afaar, Oromiyaa fi naannolee Amaaraa keessatti mudatetti aansee namoota 80,000 ta’an bakka kirikirri itti mudate keessaa basaa kan jiru ta’uu beeksise.


Yoo xiqqaae erga Jimaata kaleessaa qabee kirikirri lafaa yeroo sadii Itiyoopiyaa keessatti mudatee jira.


Kirkirri lafaa inni boodanaa naannoo Awaas Fantaallee kan Affaarii fi naannoo Oromiyaa gidduu jiru keessatti akka sa’aatii biyyaatti ganama sa’a 3:52tti dhaqqabe. Xinxalli qorannaa dachee kan...




Pirezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joo Baayiden Badhaasa Kabajaa Biyyaaleessaaf Siviloota 20’f Waayit Haawusiitti Kennuuf Jiran  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/7922239.html

Badhaasa Meediliaayaa pireezidaantii kan lammiilee kana namoota fudhachuuf jiran keessatti Miseensi kongireesii Benii Toomsan fii miseesni Kongireesii duraanii Eliisabeet Cheenii kan qorannoo halleellaa gaafa Amajjii 6 bara 2021 Kaappitool irratti raawwatame hoogganan tarreeffamaniiru. Tiraampi kan filannoo bara 2024 kan moo’atee fi ji’a kana keessa aangoo fudhachuuf jirummoo namoonni kunneen lamaan warra hidhamuu qaban jedha.


Ibsi Waayit Haawuus irraa ba’e waa’ee badhaasa kabajaa...


Ogeessonnii Diinagdee 3 badhaasaa Noobeelii Moo’an
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ogeessonnii-diinagdee-3-badhaasaa-noobeelii-moo-an/6266333.html

Beektonii Diinagdee lammiilee Yunaayitid isteets  3 badhaasaa Noobelii baranaa moo’aniiru.


 Beektonii kun dhimmi  galii ykn kaffaltii gadi aanaa hojjattootaa , dhimmi godaantotaa fi baruumsaa dinagdee irratti faayiidaa inni qabu tilmaamudhaaf akkaataa ykn mala kanaan duraa hojii irra olaa ture karaa Saayinsiidhaan degerameen qoratanii dhiheesuu isaaniitiif badhaasa kana kan moo’uu danada’an jedhameera.


Badhaasa guyya har’a labsame  kana kan moo’an Yuuniversitii Kaalifoorniyaa Berkileyi irraa Deevid Kaard, Jooshuwaa Angriist Insititiyuutii Tekinoloojii masaachuseet irra yemuu ta’an, Gu’ido Imbeens immoo universitii Staanfoord irraa akka ta’e beekameera.


Yunaayitid Isteets fi Taalibaan marii taasisan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/yunaayitid-isteete-fi-taalibaan-marii-taasisan/6266243.html

Egaa U.S Afgaanistaanii baatee gareen Taalibaan biyyattii  deebisee qabatee as yeroo jalqabaatiif Yunaayitid isteet fi Taalibaan Kaataar keessatti wal arganii marii taasisaniiru.


Dubbi himaan garee Taalibaan Suhail Shaheen walga’ichaan dura akka jedhanitti, walti dhufeenya Diplomaasii fooyyesuudhaaf dhimmoottan faaydaa qabeessa ta’an iftoominaan akka ka’n dubbataniru.  


 Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa yunaayitid  isteets Niid Praayis ibsa dilbata kaleessaa kennaniin akka jedhanitti, mariin Taalibaanii wajjin taasifame ifa qabeessaa fi beekumsaa irratti kan hundaa’edha jedhaniiru.


Taalibaan hojii isaatiin malee haasaa isaatiin madalamuu hin qabu kan jedhan Niid Praayis, dhimmi nageenyaa fi shororkeessumaa, akkasumas waa’een lammiilee U.S fi froottan isaanii Afgaanistaanii baasu , waa’een mirga namoomaa dhimmaa mirga dubartootaa fi ijoollee durbaa ijoo marii akka  ta’e himaniiru.Yeroo ammaa ijoolewwan Miiliyoona tokko ta’an akka balaa beelaatiif saaxilamuuf deeman U.S ibsitee jirti. Walgahiichii kan jalqabee sambataa darbe maagaa Dohaa keessatti.


Mannii maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii guyyaa kaleessaa dhimmaa Itiyoophiyaa irrati marii taasisee ture
https://www.voaafaanoromoo.com/a/mannii-maree-nageenyaa-mootummoota-gamtoomanii-kaleessa-geggeeffame-/6261752.html

Mannii maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii guyyaa kaleessaa dhimmaa Itiyoophiyaa irrati marii taasisee ture.  


Walgahiin sun waamame brreessaa muummee mootumoota gamtoomanii Antooniyoo Gutereziin. Sababni isaamoo Wa’ee hojjatoota gargaarsa namoomaa Mootumaan Itiyoophiyaa torban darbe biyyaa akka bahan taasiseedhaa. 


Walgahii kana irratti Itiyoophiyaa dabalatee bakka bu’oonnii biyyootaa 13 hirmaataniiru . keniyaan Niijer, fi biyyi  Karibiyaa tokko ( A3+1) Tuniziyaadhaan bakka bu’anii yaada isaanii dhiheesan. 


 Biyyoottan biroo miseensonii mana maree nageenyaa darabee darabeedhaan yaada isanii kennaniiru. 


Dhibeen Dheengee Jedhamu Naannoo Dirree Dhawaa Keessatti Ka’e
https://www.voaafaanoromoo.com/a/dhibeen-dheengee-jedhamu-naannoo-dirree-dhawaa-keessatti-ka-e/6261214.html

Magaalaan Dirree Dhawaa faca’inni dhibee qaama ho’isu kan Dheengee jedhamu Itiyoophiyaa gama bahaa keessatti ka’uu gabaasee jira. Hooggantuun biiroo eegumsa fayyaa bulchiinsichaa Lemlem Bezaabih VOAf akka ibsanitti magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dhibeen kun argamuu mirkaneessaniiru.


Bara 2017 fi 2018 keessa dhibeen kun Itiyoophiyaa gama bahaa keessatti ka’ee ture. Lemlem akka jedhanitti faca’ina dhibee kanaa to’achuuf hojjetamaa jira.


Itiyoophiyaan Ragaa Badii Dalagamee Naaf Haa Dhiyeessitu: Muummicha Barreessaa Tokkummaa Mootummootaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/itiyoophiyaan-ragaa-naaf-haa-dhiyeessitu-antoniyoo-guteeres/6261206.html

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa mootummaan Itiyoophiyaa angawoonni gargaarsa namoomaa torba biyyattii keessaa baafamuuf kan itti himataman galmee mul’isu ykn ragaa qabatamaa akka dhiyeessu roobii kaleessaa gaafatanii jiran.


Erga ambaasaadderri Itiyoophiyaa Tayyee Atsqesillaasee, lakkoobsa namoota gargaarsa barbaadanii miliyoona tokkoon ol guddisan, du’a namootaa hin dhaqqabne gabaasan himannaa jedhu dabalatee waahiloota isaanii irratti himannaa dhiyeessanii booda, Antooniyoo Guteres gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa duratti dhiyaachuu dhaan haala kana dura hagas hin barataminiin mul’inatti ibsa kennanii jiru.


Kana irratti oduu dhaa booda gabaasa bal’aa qabna.


Golli Naga-eegumsaa Har’a Waa’ee Itiyoophiyaa Irratti Dubbachuuf Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/golli-naga-eegumsaa-waahee-itiyoophiyaa-irratti-dubbachuufi-/6259903.html

Itiyoophiyaan aangawoota gargaarsaa gameeyyii kan Tokkummaa Mootummootaa 7 biyya ofii keessaa baasuu ishee kan ilaaleen barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees har’a gola naga eegumsaaf ibsa kennu. 


Mootummaan mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad  Fuulbaana 30 hojjattonni gargaarsaa 7sa’atilee 72 keessatti biyyatti akka gadhiisanii ba’an eega labsee booda, Gollii naga eegumsaa waa’ee Itiyoophiyaa irratti ennaa wal ga’u torban tokko keessatti inni ammaa kun yeroo lammataaf ta’u isaati. 


Hojjattoota gargaarsaa kana baasuun, haala gad adeemaa jiru keessatti kallattii sirrii hin taanee qabachuuf tarkaanfii dabalataa fudhatamee jechuun tokkummaa mootummootaatti Ambaasaaddarri Ayeer Laand Jeraaldiin Byrne Naason kan dubbatan yoo ta’u mootummaa isaanii bakka bu’uun walgahiin kun akka gaggeeffamu gaafatan. 


Isaanis akka jedhanti, aangawoota gargaarsaa kana iddoo isaanti deebifamuun barbaachisaa ta’u, akkasumas hariiroon tokkummaa Mootummootaa fi itiyoophiyaa gidduu iddotti deebi’uu qaba jedhan. 


Kun hariiroo akkaan barbaachiisaa dha jechuun oduu gabaastotaaf ibsanii,wanni uumamee  haala yeroo ammaa keessa jiraachuu feenu miti jedhan.Falmiin haala hin jirree keessatti gargaarsa dhala namaa dabaluun danda’amu ilaaluuf jirra jedhan. 


Itiyoophiyaan hojjattoota koo biyya ishee keessaa baasuuf deggersa seeraa hin qabdu jedha Tokkummaan Mootummootaa. 






 

Показано 20 последних публикаций.
OSZAR »